Ujummoo Boba’aa Ijaaruu Dhaabaa:Qabsaa’oota Qilleensa Naannoo

  • VOA

Faayilee - Qabsooftuu dhimma qilleensa naannoo lammii Ugaandaa Vaneesaa Nakaatee

Wal falmiisiisaa kan ta’e ujummoo dhuukuuta Zayita boba’aa Ugaandaa irraa gara Taanzaaniyaatti ittiin dabarsan baasii Doolaara Biliyoon 5n ijaaruuf karoora jiruuf, Baankiwwanii fi Insuraansiin deggersa akka hin goone kanneen qilleensa naannoof qabsa’an gaafatanii jiru.

Kanneen kunuunsa qilleensa naannoof qabsaa’uun beekaaman Veneessaa Nakate fi Hilda Nakabuye deggersa isaanii kanneen ujummoon kun diriirfamuu mormaniif kan kennan yoo ta’u Afrikaan boba’aa cilee, biqiltuwwanii fi waan du’an kanneen biroo irraa hijjatamu irraa fagaachuu qabdi jedhan.

Dhiibbaan taasifamaa jiru dabaluun, Baankiwwanii fi Inshuraansiin proojeektii kana keessaa dhiisanii ba’an akka lakkobsaan dabaluu taasisee jira.