Hidhattoonni Gumuz Mootummaa Waliin Dhiheenya Araara Mallatteesineyyuu Tarkaanfiin Mootummaa Itti Fufee Jira, Jedhu

Sirna Araaraa Benishaangul Gumuz

Hidhattoota Sosochii Dimokiraatawaa Uummata Gumuz godina Matakkal keessa socho'aniifi Mootummaa Jidduutti torban darbe keessa araarri bu'uu mootummaan beeksisullee, dura-taa'aangaree hidhattoota kanneenii, Mootummaan tarkaanfii fudhataa jiraa jechuun komatan. Biiroon Komunikeeshinii Naannoo Benishaangul Gumuzii immoo fi Tajaajilli Komunikeeshinii Federaalaa ammoo "Hhidhattoota Gumuz irratti tarkaanfiin fudhatamaa hin jiru" jechuun haalan.

Your browser doesn’t support HTML5

Haala Benishangul Gumuz Ilaalchisee Gabaasa ergame caqasaa