Lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa irra hedduun shaakala adda addaa fi akkaataan guddina isaanii adda adda ta’us gurraacha ta’uun giddu galeessa eenyummaa isaanii ta’uu dubbatu jedha waaltaan qorannaa Pew haaraan ba’e. Guraachonni afur keessaa sadii eessa irraas haa dhufan dinagdeen ykn barnoonni isaanii sadarkaa isa kamiinuu haa ta’u martinuu yaada wal fakkaatu qabu.
Dhibba irraa harka 14 kan ta’an gurraacha ta’uun hang tokko kan isaan fayyadu ta’uu yoo dubbatan dhibba irraa harki sagal immoo dhiibbaa tokko iyyuu hin qabu jedhu. Kunis lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Ameerikaa koolu galtoota gurraachotaa gosoosta adda addaa, kanneen paartii siyaasaattii hidhata qabaniif umuriin isaanii wal caalu gidduu yaadi jiru adda adda ta’uu isaa ibsa.
Your browser doesn’t support HTML5