Antoonii Bliinken Waa'ee Baqattootaa Irratti Mari'achuuf Paanamaa Jiru

  • VOA

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antonii Blinke Paanamaa Siitiitti ibsa yeroo kennan, Kan isaan maddi jiran Ministira dhimma alaa Paanamaa Erikaa Mouyinyeeti, Ebla 20, 2022

Ministirrii dhimma alaa Yunaayitid Isteets Antonii Blinken waa’ee baqattootaa iraatti bakka bu’oota biyyoottan Laatiin Amerikaa 20 wajjin haasa’uudhaaf Panamaa deemanii jiru.

Antonii Bilinken ittu walgahichii hin jalqabamin dursanii haasaa taasisaniin akka jedhanitti dhimmi baqattootaa rakkina naanichaa qofa itti hin ta’in rakkina adduunyaa maraa akka ta’e dubbachuun isaanii gabasameera.

Itti gaafatamaa nageenyaa biyyaa keessaa Alehaandiroo Maayoorkaa waliin kan imallan Bilinken preszdaantii biyyaa Paanamaa Laawurentiinoo Koorteezoo waliin wal arganii marii taasisaniiru.

Walgahiin amma kun walgahii Amerikaanootaa isaa waxabajjii dhufuu yunaayitid Isteets magaalaa Loos Anjeles keessatti taasifamuuf karoorfamee dursee kan taasifammaa jiruudha. walgahichii dhimma dhibee koronaatiin walqabatee dhorkii daangaa Meekiskoo fi U.S irratti kaa’amee ture irrgaa laafsamee isaa jalqabaati.

Panaamaan biyyoottan Laatiin Amerikaa baqattootaa hedduu keesumeessan keessaa ishee tokko.