Waldorgomtoonni prezidaantummaa Ferensaay Duulaa Filannoo isaanii goolabaa jiru

  • VOA

Faayilii: Dogromtoota Prezidaantummaa Ferensaay

Filannoo prezidaantummaa Firaansiif kan walfalammaa jiraan Prezidaantiin biyyatti Emanu’eel Maakroon fi Maariin Lee peen duula na filadhaa isaa dhumaa guyyaa har’aa taasisanii jiruu .

Roobii kaleessaa haasan Saa’tii 3 kallatiidhaan Televijiinii irratti darbaa tureen waa’ee walti dhufeenyaa Raashaa fi wa’ee mataa Aguuggannaa Musliimotaa irratti walfalmii jabaa taasisaniiru.

Emanu’eel Maakaroon Paartin Maariin Lee peen filannoo bara 2017n duraa Baankii Raashaa irraa qarshii liqeefachuu isaanii qeequudhaan duubataniiru.

Maariin Lee Pen gama isaaniitiin Deebii kennaniin baankiwwan biyyaa isaanii waan liqii kenuuf didaniif baankii Raashaa irraa liqeeffachuu isaanii ibsaniiru.

Maariin lee peen Yoo prezidaantii biyyatti ta’anii filataman, aguuggannaa mataa musiliimotaa ykn hijaabaa keewwachuu seeraan akka dhorkamaa taasisan ibsaniiruu.

Yaadaa Lee peen kanaaf deebii kan kennan Emaanu’eel Maakroon biyyaatti keessatti wal waraansii akka ka’u sababa ta’uudhaaf deemaa jirtaa ?jechuudhaan qeequun isaanii gabaasameeraa.

Filannoo Dilbata dhufu taasisamuu kana irraatti Emanuu’eel Maakiroon dhibeentaa 10 ol caalmaa argachuudhaa marsaa lammafaadhaaf akka filatamuu danda’an tilmaamamaa jira.