Oromiyaa fi Benishaangul Gumuz Keessaa Namoonni  Dubbisne Yeroo Ayyaanaa Kanatti Nageenyaan Walqabatee Haala Rakkisaa Keessa Jirra, Jedhu   

Faayilii - Gabaa ayyaanaa Finfinnee keessaa, Fulbaana 10, 2021

Naannoo Benishaangulii fi Oromiyaa, bakkeewwan Riphxe Loltootni socho'aniitti sababaa yaaddoo nageenyaan namootni buqqa'anii, Godina Wallagga Bahaa Aanaa Haroo Limmuufi Godina Wallagga Lixaa, magaalaa Mandii keessa jiran, yeroo jala bultii ayyaana Yaadannoo Du'aa ka'uu Iyyasuus Kiristoos kanatti haala rakkisaa keessa jiraachuu dubbatu.

Gama biraan, Guyyaa Iyyasuus itti fannisame Jimaataa kanatti, magaalaa Amboo keessatti, namoota soomaafi sagadarra jiran keessaallee muraasa gabaasaan keenya dubbisee jira.