Naannoolee Waraansaa fi Walitti-bu’insaatti Talaalii Daa’immanii Kennuun Rakkisaa Tahuu Beeksisee – Ministiriin Fayyaa Itiyoophiyaa  

Faayilii - Hoospitaala Waliigalaa Ekaa Kotobee keessatti yeroo talaalliin kennamu, Finfinnee, Bitootessa 13, 2021

Naannoolee Itiyoophiyaa adda addaa keessatti sababaa waraansaa fi walitti-bu’insootaan daa’imman umuriin isaanii waggoota lamaa gadii, kanneen gara Miliyoona tokkootti lakkaawaman garii hin tallaalamiin hafuu fi kaan talaalii addaan kutuu Ministiriin Fayyaa Itiyoophiyaa beeksisee jira. Kanneen naannoo waraansaa fi walitti-bu’insaa tahan – Affaar, Amaara, Oromiyaa fi Benishaangul Gumuz keessatti, keessumaa naannoolee hidhattoonni socho’anitti, tajaajila fayyaa kennuun rakkisaa akka tahe dubbatu – Ministarichatti, daarektarri daarektoreeetii damee daa’immanii fi haadhotaa – Obbo Yohaannis Laaqew.

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoolee Waraansaa fi Walitti-bu’insaatti Talaalii Daa’immanii Kennuun Rakkisaa Tahuu Beeksisee – Ministiriin Fayyaa Itiyoophiyaa