Gaanaan Sanyii Bunaa Bu’a Qabeessa Argattee Jirti

  • VOA

Faayilii: Gaanaan sanyii bunaa ammayyeeffame oommishuu eegalte

Gaanaa keessatti sanyiin Bunaa ammayyeeffamee fi shaakalli qonnaa haaraan argamuun oomisha Buna biyyattii wagoota dabran 10f gad adeemaa ture akka foyya’uu taasisuun ibsamee jira.

Dhaabbata qorannoo Kokoo’aa Gaanaa keessa jiruuf kanneen hayyuu saayinsii ta’an akka jedhanti Bunagosa haaraa lama kan abdii kennan argannee jirra jedhu.

Kan bu’aa guddaa argamsiisuu Ilbiisootaa fi dhukkuuba akkasumas hurka ho’a irraa dhufu dandamachuu danda’aa.Kana malees dhandhamnii isaanii baayyee gaarii fi Qulqulluu dha jedhan

Hayyonni akka jedhanti ijii bunaa haaraa argaman kun indastrii Buna Gaanaa lubbuu itti horuun dubartoonnis guddiina qonnaa kana keessatti qooda olaanaa akka qabaatan gargaara.