Naannoo Benishaangul Gumuz, Aanaa Dibaaxii Keessatti Dhalattoonni Oromoo 100 Ol Hidhamuun Himame

Benishangul Gumuz

Naannoo Benishaangul Gumuz, aodina Matakkal, aanaa Dibaaxii keessatti torban kana keessa namootni 100 caalan hidhaman jechuun maatii fi jiraattota keessaa hagi tokko sagalee Ameerikaatti himan. Gurmuu hidhattootaa Mootummaan “Shanee” jedhu, kan “Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhee of waamu deggeran jedhamanii shakkamuun akka hidhamanillee dubbatan. Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Federaalaa Doktor Laggasa Tulluu, “Mootummaan naannolee nageenyi dhabametti tarkaanfii ni fudhata” erga jedhan booda, “Garuu, arkaanfii fudhatamu kanaan namootni nagaa akka hin miidhamne, raqaadhaan qulqulleeffama,” jechuun ibsan.

Your browser doesn’t support HTML5

Haala Benishangul Gumuz Ilaalchisee Gabaasa ergame caqasaa