Barattoonii Godina Waag Himraa Irraa Buqqa’an Baruumsa Argachaa Jiru

  • VOA

Faayilii: naannoo Amaaraa

Bulchiinsa naannoo Amaaraa godina waag Himiraa bakkeewan loltoota HIWAHATiin qabamanii jiran irraa barattoonni buqqa’an kumaatamaan lakkaawaman manoottan baruumsaa dunkaana fi citaa irraa ijaaraman keessatti magaa SoqoXaatti akka barachaa jiran gabaasiin Masfin Arraagee VOA dhaaf ergee ibseera.

Barataan VOAn haasofsiisee tokku, manoottan baruumsaa yeroo amma keessatti barachaa jiran akka isaan fayyadaa jiru ibsee, abdii fi haalli naga qabeessii akka isaanitti dhagamuu dubachuun isaa kan eeree gabaasni Masfin Araagee barattoonni maatiiwan isaanii warren bakka walwaaraansaa keessatti hafaniif akka yaadda’aa jiran ibseera.

Kutaa barnootaa Godinaa Waag Himiraatti qindeesaa warren qe’ee isaanii irraa buqqa’anii Obbo Berhaanuu Tsaggaayee, waan barattoota kuma 30 ta’niif barbaachisu guutuun akka rakkisaa ta’e ibsuu isaani gabaasnii Aasifin Arraagee Godina Waag Himiraa irraa qideesse ibseera.