Imala jireenyaa hayyuu Saayinsii hawaa Dr. Xilaayee Taaddesee

Dr. Xilaayee Taaddesee hayyuu saayinsii Astiroofiiziiksii ti. Naannoo Oromiyaa godina Harargee bahaa keessatti maatii qonnaan bulaa irraa dhalatanii , imalaa dheeraa deemanii yeroo ammaa saayintistoota NASA waa’ee haala qileensaa hawaa ( Space weather) qoratan keessaa tokko ta’uu nama danda’aniidha. Ijoo yaadaa " eessaa ka’amee, akkam ta’amee, eessa gahame?" jedhu jalatti keessumaa VOA Afaan oromoo ta’uudhaan waa’ee imala jireenyaa isaanii fi hojii isaanii ammaa dubbataniiru.