West Baank Keessatti Oduu-gabaastuun Aljeeziiraa Tokko Ajjeesamte

  • VOA

Namoota dduu gabaastuu dhaabbataa midiyaa Ajaaziraa ajjeefamtee, Shiireen Abbuu Akleeh, baatanii namoota deeman, Caamsaa 11, 2022

Bakka umnoonni mootummaa Israa’el fi Paalastayinoonni wal loliinsa keessa Jiran weest baank magaalaa Jeeniin keessaatti Roobii har’aa oduu gabaastuun dhaabbataa midiyaa Ajaaziraa ajjeefamtee jirti. Balaa Kanaan kan madaa’ee oduu gabaasaan biroo tarkaanfii gaazexesootaa irratti fudhatamee kanaaf umnootaa Mootummaa Israa’el balaalefateeraa. Isiraa’eel gama isheetiin gaazexeessonii lamman kan rukutaman umnoottan Palastaayiniin ta’uu isaatiif ragaa qaba jechuun ishee gabaasameera.

Dhimma Palastaayin irratti chaanaalii Afaan Arabaaf gabaastuu beekamtuu kan taatee lammummaa Amerikaa kan qabduu Shiireen Abbuu Akleeh battaluma rasaasaan rukutamtetti kan duute yemuu ta’u, gaazexeessaan paalastaayin biroo Alii Saamoo’udi dugdaa isaa irra madaa’ee hospitaalaa seenuun isaa gabaasameera.

Nama umurii wagga 51 kan taate Shiireen Abbuu Akleeh bara 1997 jalqabdee Aljaaziraadhaaf hojjachaa turtee. Muumichii ministeeraa Israa’el Naaftalii Beeneet odeeffanoon isaan argatan akka hubachiisuutii ajjeechaa sana kan raawatan hidhattoota palastaayin jedhaniiru.

Gaazexeessituun biroo Ajaaziraadhaaf gabaastu Shaazaa Hanaysheh yemuu gabaasituun aljaaziraa ajjeefamitte wal lolliinsii akka hin jiree ibsetee loltoonii garuu dhukaasaa akka turan himuun ishee beekameeraa.

Dhimma kana irratti Ajaaziraan ibsaa baaseen , gochichaa eenyu akka raawwatee addaan baafachuudhaan seeran gaafannaa jedheera.

Israa’elti Ambaasaadaraa Yunaayitid Isteets kan ta’n Toom Niids gabaastuun Ajjeefamete lammii Amerikaa ta’uu ishee ibsanii gochichatii erga balaaleffatnii booda dhimmicha irratti qorannoon gad fageenyaan taasifamaa akka jiru ibsuun isaani gabaasameera.