Bakka Dur Jiraataa Turreetti Deebi’uuf Waan Tokko Harkaa Hin Qabnu: Jiraattoota Afaar 

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Bakka Dur Jiraataa Turreetti Deebi’uuf Waan Tokko Harkaa Hin Qabnu: Jiraattoota Afaar 

Wal waraansii mootummaa fedeeraalaa kan Itiyoophiyaa fi adda bilisummaa uummata Tigraay(ABUT) giddutti gaggeeffame uummata miliyoona hedduu manaa fi qe’e irraa godaansisee jira.

Walitti bu’iinsii kun bulchiinsa naannoo Afaar irra jireessa keessatti kan dhaabtee ta’uus garu humnootiin ABUT yeroo Afaariin qabatan kanneen dheessan deebi’uu hin dandeenyu jedhu.Haleellaan magaala isaanii irratti gaggeeffamaa ture manneen isaanii fi waan jireenya isaaniif barbaachisu mara barbadeessee jira. Lollii kun siviiloota Tigraay qofa otoo hin taanee nuus miidheera jedhu.

Mooraa Afaar keeessaa jiru tokko akka Tokkummaan mootummootaa tilmaameetti, namoota sababaa walitti bu’iinsaan godaanan kuma dhibba torbatu keessa jiraata.

Kanneen keessaa tokko kan taatee Haalimaa Xaahir Ismaa’eel dur suqii qabu turan. Waan godaansaaf isaan dirqisisee ennaa ibsan, gaafa sana rafaa turre, dhukaasa meeshaalee gurguddoo dhageenyee ennaa hirribaa dammaqnuu godiina wal waraansaa keessatti of-agarre. Abbaamanaa koo fi ijoolleen adda facaane.Wal waraansii jabaan waan tureef manaa fi qe’e keenya dhiifnee baqanne jette.

Iddoo irraa dheessinee Konnabaatti attamitti deebi’uu dandeenya? Bishaan hin jiru, qabeenyii qabaataa turree fi mi’i mana keessaa martii saamamee jira jetti.

Narsii kan taatee fi fedhii isheen kutaa sana keessa waggaa 30 caalaaf hojjataa kan turte Valarii Braawniing gam lameen dhukaasa dhaabuun gargaarsii namoomaa akka seenuu eega ehamanii booda Afaarti deebitee waan argiite ennaa ibsiitu,badiin raawwatame toofta qabeessa. Mana sivilootaa tokko tokkoon irra deemuun saaman. Dahaabatootaa akkasumas kan mootummaa dabalatee ni guuban ykn barbadeessan akkasumas meeshoota adda addaa caccabsanii kaan hojiin ala taasiisan jette.

Sagantaan nyaata addunyaa fi gareen gargaarsa namoomaa kanneen biroon nyaataa fi gargaarsa biroo raabsaa kan jiran ta’uus, nama hundumaa baadiyyaa fi lafa dhaqqabuuf rakkisaa ta’etti bira ga’u hin dandeenye.Kana amalees iddoo hedduutti tajaajiilli bishaanii, kan fayyaa fi barnootaa hin jiru.