Gaazzexeessaa Tamasgeen Dassaalenyi Poolisiin Qabamuu, Maatiin Isaa Dubbatan  

  • VOA

Gaazzexeessa Tamasgeen Dassaalenyi (Suuraa faayilii)

Gaazzexeessaan Itiyoophiyaa Tamasgeen Dassaalenyi har’a waajira isaa magaalaa Finfinnee jiru keessaa har’a humna poolisiin qabamee fudhatamuu isaa obbboleessi isaa Sagalee Ameerikaatti himee jira.

Tamasgeen Dassaalenyi gulaalaa hoogganaa barruulee “Fitih” jedhamuu ti. Dubbi-himaan Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetis – Need Praayis, jalqaba torban kanaa irra ibsa baasaniin, “Yunaayitid Isteetis, waa’ee Itiyoophiyaa keessatti walabummaa yaada ibsachuu fi walabummaa miidiyaatti balballi dhiphachaa dhufuu yaaddoo qabdi,” jedhanii turan – jechuun Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.