Godinaa Baaleetti Roobni Arfaasaa Roobuu Jalqabe Addaan Cite 

Your browser doesn’t support HTML5

Godina Baaletti roobni Arfaasaa roobuu jalqabee adda citee midhaan faca’e akka gogee baduuf akka sababaa tahaa jiru angawootni fi jiraattonni dubbatanii jiran. Aanaan Dalloo Mannaa, aanaalee hoongeen wagga sadii guutuuf hube keessaa takkadha.

Jiraattonni aanichaa ji’ootaan dura roobni Arfaasaa roobuu jalqabe amma erga addaan citee ji’a tokko ga’uu himanii, midhaan facaafatan gogee badaa akka jiru eeran. Hoogganaan Waajjira Qonna Godina Baalees gandootni dhibbaan lakkaa’aman ammas rooba malee akka jiran dubbata.