Naannoo Benishngul Gumuz, aanaa Dibaaxii fi aanaa ollaa sanaa – Bulan keessa kanneen jiraatan lammiwwan dhalataan Oromoo tahan, baatii Eblaa gara booda irraa jalqabee humnoota mootummaatiin manaa fi qehee ofii irraa buqqisamanii, bakkawwan adda addaatti walitti qabamuun eegama jiran, jedhu – jiraattota aanichaa keessaa kanneen VOAn dubbise. Kanneen hidhamanii fi ajjeesaman jiraachuullee dubbatu. Aangawaan aanichaa tokko immoo, yeroof walitti-qabamuun jiraattotaa, humnoota hidhattootaa nageenya booressan sakatta’uufi, jedhu.