Gaaboonii fi Kaameruun Daangaa Gidduu Isaanii Haala Wayyaawaan Sararachuuf Waliigalan  

  • VOA

Maapii Gaaboon agarsiisu

Aangawoonni Gaaboonii fi Kaameruun daagaa biyyoota lameen gidduu gara Kiiloomeetira 300 dheeratuu fi yeroo hedduu hawaasaalee gam-lameeniif madda walitti-bu’insaa tahe sararachuuf waliigalan.

Hoogganoonni biyyoota lameenii marii guyyoota sadii magaalaa galma-mootummaa Kaameruun keessatti geggeessan, kamisa galgala ennaa xumuratan, daangaa biyyoota isaanii gidduu haala daran wayyaawaa taheen sararachuu fi eegumsa nageenyaa daanagaa isaanii irraa fooyyessuuf walii-galtee irra gahan.

Kana malees, daldala meeshaa waraanaa daangaa isaanii qaxxaamuruun geggeessamu dhaabuuf, humna waraanaa waloo naannoo daangaa sanatti bobbaasuuf, aangawoonni gam-lameenii waliigalanii jiran.