KOOVIID-19 Baatii Lamaaf Manatti Nu Galche: Jiraattoota Shaanghaay

  • VOA

FAAYILII - Karaa irratti bakka KOOVIID -19 namoonni itti laallatan, Shaanghaay

Jiraattonni shaanghaay weerara dhukkuuba KOOVIID-19f jecha baatii lamaaf mana keessatti ugguramanii eega turanii booda Robii har’a handaara galaanaa deemuun akkasumas daandilee polisootaan to’atamuu irratti nyaataa fi dhugaa oolan.

Uggurrii kunis dinagdee biyyatti duubatti deebisuu isaa fi uummata miliyoona hedduu mana keessaa akka hin bane taasiise.Tarkaanfii cimaa kanas mootummaa abbaa irree chaayinaa tu fudhatee jechuun namoonnii dhunfaan akkasumas marsariitii irraan mormii dhageesisaa turan.

Tajaajiilli geejiiba Awutoobusaa fi Baabuura imaltootaa har’a iddotti kan deebi’ee yoo ta’u, inni Chaayinaa waliin walagarsisuuf banamuuf jira.

Jiraattonni shaanghaay walakkaa miliyoonaa caalan uummata magaalatti Miliyoona 25 keessatti amma iyyu ugguura jala ykn godinaalee amma iyyu vaayrasiin koroonaa keessa jira jedhame to’atamaa jiru keessa jiran.

Mootummaan akka jedhutti uggurri hundumtuu suuta suutaan kan kaafaman yoo ta’u wal dhahuu fi seeraan ala ta’e fudhataa jiru.manneen barnootaa kanneen fedhii qaban hanga tokko kan banaman yoo ta’u, suqilee suupar maarkeetii faarmaasii fi kanneen biroon irraa jala haala harka 75 hin caalleen banamuu jedhamee jira.

Manneen Sinimaa fi bakki sochii sportii itti gaggeessan amma iyyu cufaa dha.