Bulchiinsi Naannoo Amaaraa Lammiwwan Oromiyaa Naannoolee Waliatti-bu’insaa Irraa Buqqa’anii Qehee Isaaniitti Deebi’aa Jiru Jedha

  • VOA

Faayilii: Bulchiinsa Naannoo Amaaraa

Mootummaan naannoo Amaaraa namoota kumootaan lakkaawaman kanneen naannoo Oromiyaa bakkawwan walitti-bu’insaan miidhaman irraa buqqa’anii turan gara qehee isaaniitti ka deebisaa jiru tahuu beeksise.

Hoogganaan bulchiinsa rakkoo balaa fi wabii nyaataa naannoo Amaaraa – Zelaalem Lijaalem Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, “namoota gara kuma 40 Oromiyaa keessaa buqqqa’anii gara naannoo Amaaraatti dhufan keessaa maatiiileen 500, gara manneen isaanii godinaalee adda addaa Oromiyaa keessa jiraniitti deebi’anii jiran,” jedhan.

Buqqaata kana gara godinaalee nageenya qaban 13 Oromiyaa keessa jiraniitti deebisanii qubachiisuuf mootummoonni naannoolee lameenii waliigaltee tolfatanii jiran – jechuu isaanii, Masfin Arraagee, Dasee irraa gabaasee jira.