Prezidaant Baayiden Biyyi Isaanii Deggersa Dabalataa Yukireeniif Kennuu Labsan

  • VOA

Faayilii: Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis, Joo Baayiden, yeroo duulli Raashiyaan Yukireen irratti geggeessitu baatii afuraffaa qabatee jirutti, biyyi isaanii “caasaalee rooketii sadarkaa ol’aanaa fi raasaasawwan isaaniif” ka doolaa Miliyoona toorba tahu ka Yukireeniif kennitu tahuu kaleessa labsanii jiran.

Tahus, Yukireen rooketoota sana akka daangaa Raashiyaatti hin dhukaasne waadaa seentee jirti jedha Waayit Haawus.