Jiraattonni Godinaalee Wallaggaa Dhabamuu Nageenyaan Qonnaan Isaanii Miidhamuu Dubbatu

Your browser doesn’t support HTML5

Jiraattonni Godinaalee Wallaggaa Dhabamuu Nageenyaan Qonnaan Isaanii Miidhamuu Dubbatu

Jiraattota godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu keessaa hagi tokko sababaa dhabamuu nageenyaan hojii qonnaa baranaarratti bobba'uun rakkisaa tahuu dubbatan. Namootni rakkinaaf saaxilamanii qe'ee isaaniirraa buqqa'an akka jiranillee kan Sagalee Ameerikaatti himanii jiru – jiraattonni kun.

Ogeessi Diinagdee, Dr. Guutuu Teessoo dhimma kanarratti gaafatamanii, "Rakkoon nagaa Biyyattii keessatti mudate qisaasama qonnaa fiduurra darbee dameewwan diinagdee kanneen biroorrattillee rakkoo uumee jira," jedhan. Firmaatni isaa nagaan akka bu’u mari’achuu akka tahellee Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti dubbatan.