Naanno Gambeelaatii Hidhattoonni ajeechaa raawwachuun isaanii gabaasameera

  • VOA

Naannoo Gambeellaa

Bulchiinsaa Naanno gambeelaa keessatti hidhattonii haleelaa rawwataniin namoottan lama ajjeesanii sadii butanii miliquun isaanii dhaabanni oduu Ajaans Firaans Prees haanga’ota nanichaa wabefachuudhaan gabaaseraa. Roobii dheengaddaa haleelaa raawwatamee kana ilaalchisuun Ageetuu Adiing wajiraa kominikeshiinii nannichaa irraa akka ibsanitti, haleellaa qote bultootaa irratti taasifamee kana kan raawwatan, gareewwan adda Bilisummaa Gambeelaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo ykn isa mootumman Shanee jedhee wamuudha.

Mootummaan wareen haleellaa sana raawwatan adamsaa jirachuu isaa Ageetuu Adiing ibsu isaanii kan gaabaasee Ajaans Fraans prees dhimichaa irratti yaadaa gareewaan hidhattoota maqaan dhahamee ilaalchisee wantii jedhe hin jiru.