Ijoolleen Godaantotaa  Ijoollee Ameerikaatti Dhalatan Caalaa Milkaa’ina Kan Argatan Maaliifi?

  • VOA

Abiyaa kahaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaarraa qabxii gudhaadhan eebifamte gara Yunviersitii Harvaardi imalaa jirti. Maatin ishii Baanglaadish irraa gara Ameerikaa godaanaan, Arizoonaa, Caamsaa 5, 2020

Godaantonni miliyoona 12 ol ta’an karaa Ellis Island, karaa buufata immigireeshinii federaalaa U.S. isa jalqabaa New York keessatti argamu ba’uu dhaan bara 1892 fi 1954 gidduut yeroo jiru as dhufuu jalqaban. Namoonni biyyaa fi aadaa adda addaa irraa haaraa gara Yunaayitid Isteetis dhufan kun abjuu Ameerikaa keessaa qaban faana dha’uu dhaan hedduun milkaa’ina argataniiru.

Ameerikaanoonni hedduun godaantota jalqabaa sana, irra caalaan isaanii warren Awurooppaa, akka godaantota har’aa caalaa haala gaariin isaan simatan, isaanis adda durummaan Laatiin Ameerikaa fi Eeshiyaa irraa dhufanii yoo ta’an, kaan bratti immoo akka yakkamtoota , kanneen maallaqa Ameerikaa saammachuuf as dhufan, kanneen dalagaa lammiiwwan Ameerikaa jalaa fudhatan ta’uun ilaalaman.

Barreessitoonni seenaa dinagdee Leah Boustan fi Ran Abramitzky godaantota ammayyaa fi warra jaarraa tokko dura gara Ameerikaa dhufan wal bira qabuun dhugaa fi asoosama adda baasuuf odeeffannoo walitti qabuu fi xiinxala sadarkaa olaanaatti fayyadamaanii barruu maxxansanii jiran.

“Waan ajaa’ibsiisaa guddaan tokko ijoolleen godaantotaa hammam akka gaariitti hojjechaa akka jiran, akkasumas akkamitti (ijoolleen) godaantota biyya hedduu irraa dhufan dhalattoota U.S. caalaa milkaa’ina akka aratan illee hayyoonni kun barreessaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Ijoolleen Godaantotaa  Ijoollee Ameerikaatti Dhalatan Caalaa Milkaa’ina Kan Argatan Maaliifi?