Naannoo Daangaa Darashee fi Amaarrootti Lolli Haaraan Ka’uu Dubbatu Jiraattonni

  • VOA

Naannoo Daraashee

Bulchiisa naannoo Uummatoota Kibbaa keessatti kan argamu daagaa aanaalee addaa Daraashee fi Amaarroo irratti walitti bu’insi haaraan ka’uu fi sababaa kanaan yoo xiqqaate lubbuun namoota afurii dhabruu jiraattonni Sagalee Amerikaatti himanii jiran.

Mootummaan walitti-bu’insa naannoo sana jiru dhaabsisuuf cicha hin qabu, jechuun komatan jiraattonni kun. Akka jecha isaaniitti, jiraattoonni gara kuma soddomaa tahan kanneen waggoota as dhihoo keessa aanaa Ammaarroo irraa buqqa’an hanga ammaa manaa fi qehee isaaniitti hin deebine – jehuuun, Yonaataan Zabdiyoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.