Baalee Bahaa Keessatti Proojektiileen Daandii Garii Adda-cituun Tuurizimiirratti Dhiibbaa Qabaachuun Himame

Your browser doesn’t support HTML5

Baalee Bahaa Keessatti Proojektiileen Daandii Garii Adda-cituun Tuurizimiirratti Dhiibbaa Qabaachuun Himame

Proojektiiwwan daandii Baalee Bahaatti jalqabamanii turan keessaa kan hojiirra jiru tokko qofa tahuu Bulchiinsi godinichaa hime jira. Bulchaan godinaa Baalee Bahaa Obbo Isheetuu Beqqelee ibsa kennaniin daandiin Aspaaltii guddichi Roobe – Gaaseraa – Gindhiir ka ganna shan dura jalqabamee ture dabalatee pirojektiiwwan sadii jiraachuu ibsanii, tokko irraa kan hafe kaan adda cituun dhiibbaa inni tooriizimii naannoo irratti fiduu ibsanii jiran.

Gama biraan Qorataan Yuuniversitii Madda Walaabuu eegumsi fi qorannoon Soof Umar irratti tahu sirnaan tahuu baannaan ammas holqi seenaa qabeessi kun manca’uu akka danda’u akka malu akeekkachiisan. Bulchiinsi Baale Bahaa immoo eegumsi Holqichaa qorannaa daandii amma gaggeeffamaa jiru waliin fala argata jedha. Galmoo Daawit dabalata qaba.