Dubbi -himaan ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa ibsa kennani jiru

  • VOA

Ambaasaadder Diinaa Mufti (suuraa faayilii)

Itti anaan muummee minsteeraa fi ministirri dhimmaa alaa Itiyoophiyaa obbo Dammaqee Mekonnen, daawwannaa dhiheenyaa kaa naannoo Affaaritti taasisan ilaalchisuudhaan dubbi himaan ministeeraa dhimma alaa Itiyoophiyaa ambaasaadar Diinaa Muftii ibsaa oudu gabaasitotaaf kennan keessatii, obbo Dammaqaan naannoo bulchiinsaa Affar kellaawan Sardoo fi Samaraatii argamuudhaan haalaa gargarsa namoomaa ilaaluu isaanii ibisaniiru.

Naannoo Tigraayitti gargaarsa namoomaa qaqqabsiisudhaaf mootummaan dhabilee gargaarsa namoomaa waliin hojachaa akka jiru kan ibsan ambaasader Diinaan, mootummaan Itiyoophiyaa Waltii Bu’insii kaabaa biyyatti keessaa jiru karaa nagaadhaan akka raawwatu hojachaa jiraachuu isaan akka ibsan Kenedii Abaatee gabaaseeraa.

Lammiiwan Itiyoophiyaa Saud Arabiyaa keessa jiran gara biyyatti deebisuudhaaf sochiin jalqabamee itti fufuu isaa kan dubbatan ambasadar Diinaan amma ammatti Namoonii kuma 34, 367 biyyatti deebi’uu isaanii himuun isanii gabaasameera.

Karaa biraatiin, mootummaan Somaaliilaand ibssa dhiheenya kana baaseera jedhameen, buufataa doonii Barbaraa irratti waligaltee Kanaan dura Itiyoophiyaa waliin taasisee ture haquu isaa beekiseseraa. Akka mootummaan Somaaliiland jedhetti Itiyoophiyaan buufataa doonichaa irraa dhibeentaa 19 akka abbumaa qabaatuu walgalteen taasifamus , Itiyoophiyaan carrichatti waan fayyadamuu hin dandeenyeef waligaltichii haqameera. Dhimmaa kanna iraatti kan gaafataman ambaasader Diinaa Muftii, wa’ee odeeffanichaa irratti akka quba hin qabnee ibsuu isaanii kenedii Abaatee gabaaseera.