Godinaa Oomoo  Kibbaa Keessatti Shakkamtoota 380 Ta’an Irratti Himanaan Dhihaachuufi  

  • VOA

FAAYILII - Hawaasaa, Marfata SUmmudaa, Sadaasa 19, 2019

Naannoo sabaa fi sab- lammii kibbaa Itiyoophiyaatti, bulchiinsii Godinaa Omoo kibbaa shakkamtootaa 380 irratti himannaa dhiheesuudhaaf qophaa’uu isaa beeksiseera.

Ji’a caamsaa darbee keessa jiraattonni gaaffii bulchiinsaa saba Ariitiin walqabatee hiriiraa yemuu bahanii turan, manoottan daldalaa 160 magaala Jiinkaa fi naannoo keessatti gubamaniiru. dhimmii namoottan himatamuuf jiranii kunis yakka yeroo sana raawwatameera jedhameen walqabate akka ta’ee gabaasni Yoonaatan Zebdiyoos ibseeraa.

Itti aanaa bulchaa godina Omoo kibbaa kan ta’an Obbo Daamoo Bezaabih namootaan shakkamanii mana hidhaa keessaa jiran 380 irratti himannaa dhiheesuudhaaf ragaa gahaa akka qaban ibsuu isaanii gabaasnii yootaabn Zebdiyoos dabalee hubachiiseera.