Masrii, Iraa’el fi Gamtaan Awurooppaa Gaazii Uumamaa Ilaalchisee Waliigaltee Mallatteessan  

  • VOA

Biyyi Masir, Israa’eli fi gamtaan Awurooppaa walgaltee gaazii umamaa taasisan

Biyyi Masir, Israa’eli fi gamtaan Awurooppaa walgaltee gaazii umamaa taasisuu isaanii ibsanii jiru. Akkkataa walgaltee Roobii kaleessaa kaayiroo keessatti gareewwan Sadan gidduutti taasifameen dhaabileen Masir gaazii Umamaa calalaln lama omishaa gaazii isiraa’el calalanii garaa Awuurooppaatti ergu.

Garee Waltajii Gaazii Mediteriyaniyaa bahaa jedahmu keessaa biyyii jarmiyaa gaazii Umamaa calaluu qabduu Masir, hojii kana ji’oottan darbaniif hojjachaa akka turete gabaasni Ediwaard Yeraniyaan Kaayiroo irraa VOA dhaf ergee ibseera.

Ogeessii siyaasaa hawaasummaa Sa’id Saadiiq Kayiroo irraa akkataa walgaltee kana ilaalchisee akkana jechuudhaan VOA ti dubataniiru.

"Kun walii galtee wal hubannoo Masir , Israa’eli fi gamtaa Awurooppaa gidduutti omishaa gazii dabaluudhaaf taasisameedhaa. Silumaayuu waan tureedhaa. Bakkeewwan gaazii irratii ji’ottan darbaniif Masir, Israa’eli fi gamtaa Awuroopaa giduutti waan baayeetuu ta’aa ture. Inni amma kun itti dabalata."

Haaluma dhimma Kanaan walqabateen, Yuunayitid Isteets waldhabiinsaa daangaa galaana irratti israa’el fi Libaanen gudduu jiruu waligalteedaan hiikudhaaf hojjachaa jirachuu ishee Sa’id saadiiq dabalanii ibsaniiruu.

Waligaltee gareewwan sadan giduutii taasifame kan hordoofuudhaan Raashaan Gaazii Umamaa garaa biyoottan Awurooppaatti ergaa turete Roobii kaleesaa irraa kaastee dhaabuu ishee TVn Aljaaziiraa gabaasuun isaa ibsameeraa.