KFO’n Ajjeechaan Gambeellaa fi Bakkawwan Birootti Geggeessame Akka Qaama Walabaan Qoratamu Gaafate

Asixaa  Koongiresii Federaalawa Oromoo (KFO)

Koongiresiin Federaalawa Oromoo gidduu kana ibsa baaseen “ajjeechaan dhiheenya naannoo Gambeellaatti namoota nagaa irratti raaw’atame” jedhe qaama walabaan qoratamee akka qulqullaa’u gaafatee jira. Akkasumas viidiyoon dhiheenya miidiyaa hawaasummaa irra tamsaasame, kan humnoonni naga-eegumsaa murtii seeraa tii ala ajjeechaa raaw’achuu agarsiisu qoratamu gaafatee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

KFO’n Ajjeechaan Gambeellaa fi Bakkawwan Birootti Geggeessame Akka Qaama Walabaan Qoratamu Gaafate

Mootummaan naannoo Gambeellaa muddama dhiheenya uumameen lubbuun siivilootaa 17 dabruu beeksisee ture.

Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaas muddama dhiheenya Gambeellaa keessatti uumame ilaalchisee ibsa baaseen, keessumaa humnoonni mooutmmaa tarkaanfii gitaa olii, ka lubuu namaa balleessuu irraa akka of qusatan, taraanfiileen humnoota naga-eegumsaan fudhatames akka qoratamu gaafatee jira.

Oduu biraatiin, magaala Naqamtee keessatti Barataa Hundaa’ol Beenyaa, Obboleessa miseensa hooggansa ABO amma mana hidhaa jiruu – Lammii Beenyaa ka tahe torban dabre keessa humnoota naga-eegumsaa mootummaan ajjeesanuu, maatiin isaa Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Oduu kana ilaalchisee aangawoota magaalaa Naqamtee tahe ka naannoo Oromiyaa irraa deebii argachuuf carraqqiin goone haga ammaatti hin milkoofne.