ABOn Ajjeechaan Tolee fi Bakkawwan Birootti Raaw’atame Akka Qaama Walabaan Qoratamu Gaafate  

Asxaa ABO

Addi Bilisummaa Oromoo ajjeechaan lammiilee nagaa irratti raawwatamaa jiru qaama walabaan qoratamee seeratti akka dhihaatu ibsa baaseen gaafateera. Mootummaan Itiyoophiyaa miidiyaalee dhuunfatee jirutti fayyadamee miira uummata dantaa siyaasaa ofiitiif fayyadama, jechuunis balaaleffatee jira.

Tajaajilli Komunikeshinii Mootummaa ammoo gama isaatiin ajjeechaa Godina Wallagga Lixaa Gimbii ganda Toleetti raawwatame gurmuu riphxe Loltootaa mootummaan "Shanee" ittiin jedhu tu raawwate jechuun ibseera. Dubbi himaan Idila Addunyaa WBO tibbana dhimma kana ilaalchisuun ibsa Sagalee Ameerikaaf kennaniin ajjeechaa sana kan raawwate WBO otuu hin tame humnoota mootummaa, jechuun ibsanii turan.

Your browser doesn’t support HTML5

ABOn Ajjeechaan Tolee fi Bakkawwan Birootti Raaw’atame Akka Qaama Walabaan Qoratamu Gaafate