Mootummaan Biriiteen Gaanfa Afrikaatti Jila Addaa Ramadeera

  • VOA

British embassy in Berlin

Mootummaan Birteen gaanfaa Afrikaa fi naannoo galaanaa diimaatti jila addaa ramaduu isaa kamisaa har’aa beeksisee jira. Akka gabaasiin Ajaans Fraans Prees/ AFP jedhetii jilli addaa Biriiteen Sarah Montogomorii Kanaan duraa embaasii Biritaan Waashingiten Diisii ti argamuu keessaa kan hojjachaa turan yemuu ta’u, kutaa dhimma nageenyaa Yunaayitid Kiingdam jalatti waa’ee Yamaniif iraan irratti hojachaa kan turaniidha.

Chaayinaa ji’a Guraandhalaa keessaa gaanfaa Afrikaatti kan rammaddee jilli addaa Jue Biing torban kana walgahii biyyootan gaanfaa Afrikaa Finfinnee keessatti taasifame irrati argamuudhaan dhimaa nageenyaa fi tasgabbii gaanfa Afrikaa irratti ijannoo biyyii isaanii qabduu ibsuun isaanii gabaasameera,

Yunaayitid Isteets gama isheetiin dhiheenyaa kana jilaa addaa gaanfaa Afrikaa ta’anii akka tajaajilan Maayik Haamer ramaduun ishee ni beekama.