Maalii Keessatti Haleellaa Hamaan Dhaqqabee Jira

  • VOA

Maalii keessatti gareen Jihaad haleellaa geesiseen namoonni 100 caalaan ajjeefamanii jiran. Attamitti ajjeechaan kun akka dhaqqabe kannen lubbuun hafn ibsaa kan jiran yoo ta’u, kunis jiraattonni gandaa kan kutaa waaltaa keessaa walii galtee nageenyaa bara dabree tolfame kabajuu yeroo jalqabanti ture.

Yoo xiqqaatee namoonni 132 caalaan gandeen hedduu naannoo Baankass kan kutaa biyyatti waaltaa keessatti haleellaa guyyaa lamaaf gaggeeffameen ajjeegfaman.

Ajjeechaa kanaafis garee riphxee looltoota Jihaad kanneen al-qaidaatti hidhatan himata mootummaan.Waggaa lama dura looltoonni mootummaa ganan prezidaantii maalii Ibraahim Keeytaa aango irraa eega darbanii as ajjeechaan ammaa kun lubbuu hedduu galaafatee jira sodaa jedhu qabu xiinxaltonni.

Kana malees leelistummaan Islaamummaan hokkarri ka’u Maalii Kaabaa qabee gara naannoo biyyatti waaltaatti babal’ataa akka jiru agarsiisa jedhan.