Siriyaa Keessatti Gaazexxessaa Amerikaa Badee Hin Argamiin Jira

  • VOA

Haadha Ostiin Taayis suuraa isaa qabattee, Guraandhala 20, 2017

Gaazexxessaan Yunaaytid Isteets Ostiin Taayis Siriyaa keessatti eessa buteen isaa eega dhabamee waggaa 10 kan guutee yoo ta’u maatiin isaa Teeksaas keessa jiran biyyatti akka deebi’uu gochuuf ituu hin nuffiin hojjataa jiran.Waggoota darban kudhaniif seekoondii tokkoof illee waa’ee ilma kootii hin yaadiin turee hin beeku jedhan harmeen isaa Debraa Taayis.

Gaazexxessaa badhaasa argatee fi duraan miseensa waraana lafoo kan Amerikaa kan ture Ostiin baatii Hagayya bara 2012 eessa buteen isaa dhabame.

Maatiin isaa fi aangawoonni Amerikaa Siriyaa keessatti qabamee jira jedhanii amanu.Kun ta’u isaa immoo mootummaan Siriyaa ifatti amanee hin beeku.

Waashingtan keessa kan jiru Naashinaal Pree Klaab Gaazexxeessaan lammii Amerikaa ta’e biyya isaan ala hidhamee jiru Taayis qofa jedhee jira.

Maatii Taayisiifis deggersa gochaa jira.waggoota dabran kudhaniif waa’ee isaa arguu ykn dhaga’uu dhabuun hamaa dha jedha.

Prezidaant Baaydiin baatii Caamsaa dabree maatii Raayis walii kan wal argan yoo ta’u ministriin dantaa alaa Amerikaa akka jedhutti, Gaazexxeessaa Taayis gaara biyya isaatti deebisuuf waan danda’ame mara yaalaa akka jiru ibsee jira.