Manni-murtii Waliigalaa Oromiyaa dhaddacha Saarbeet jiru har’a kanneen to’annaa poolisii jala jirna - gaazexeessota Oromiyaa Niwus Neetwork Lameenii fi shakkamtoota 15 kanneen biroo irra-jireessi miseensota ABO fi KFO ta’anii irratti galmee himataa dhiyaate ilaalee jira.
SEE ALSO: Gaazzexeessonni ONN fi Himatamtoonni Biroon Mana-murtiitti DhihaatanDhaddacha kana irratti komii himatamtoonni duraan abbootii seeraarratti dhiyeessan ilaalchisee murtee kan dabarse yoo tahu, akka ajaja duraan kennametti himata abbaan alangaa fooyyessee akka haaraatti dhiheessees fudhatee beellama itti-aanu Waxabajjii 30tti qabee jira.
Your browser doesn’t support HTML5