Affaar keessatti Daa’imman Dhabiinsaa Nyaataa Madalawaatiin  Miidhaman Hospitaala Seenaa Jiru

FAAYILII - Haadha intala ishii oggaa 7 yaalsiisuuf hoospitaala jirtu, Afaar, Guraandhala 24, 2022.

Hospitaalli tokkichii naannoo Affar jiruu da’imman hanqinaa nyaata madalawaa qaamaa isaanitif barbaachisu dhabuudhaan midhaman dhibbaan lakkawaman waldhaanaa jiraachuun isaa gabasamee jiraa.

Gabaasinni Halimaa Atumaanii naannoo Afaar irraa VOA dhaaf qindeesite, hospitaalli Dubtii ji’a Sadan darban keessaa daa’imman hanqina nyaata gahaatiin midhaman 369 simachuu isaa fi tajaajilli waldhaansaa daa’imanii kun kan kennamuu Doktoorotaa ijoolewanni Lamma qofaan akka ta’e ibseera.

Hospitaalichii kanna duraa ji’atii ijoollewan Shan kan keesumeessa ture yoo ta’u, yeroo amma garuu guyyatti ijoollewan Shan gargaaruu irra akka jiru kan himan hogganaa Hospitaala Dubtii Dr. Muhammad Yusuufi.

"Dhukubsattonni erga dadhabanii booddee dhufu. Kanaafuu dhukubsattoonni caalaan erga as gahanii sa’aatii Lamaa fi Sadii gidduutti du’u. sababnisaa rakkina hanqinaa nyaataa qofaan ittuu hin ta’in, rakkina dhibee sombaa/ Nimooniyaa, rakina dhiigaan /Animiyaa fi garaa kaasaadhaan walqabateen waan midhamaniifi," jedhaniiru.

Lola TPLF waliin taasifamaa turen jarmiyaaleen fayyaa waan samamaniif yeroo amma Affaar keessatti kan tajaajilaa kennaa jiran,dhibeenta Kudhanii gadi akka ta’ee haangaaonii Itiyoophiyaa dubbachuu isaanii kan ibsee gabaasini kun , kuniis dhukubsattoonni akka hospitaalaa Dubtitti heddumataan taasisuu isaa beeksiseera.

Amina Adam Ibraahim mucaa ishee dhukubsataa wajjin hospitaalaa keessaa jirti. Waa’ee mucaa ishee yemmuu dubbatu, "Ni qufa’a. ho’ii qaamaa isaa ol ka’ee jira. Waa nyaachuu hin danda’u, waan innii ta’ee hin beeknu," jetteetti.

Waajjirri dhimmaa namoomaa Mootumootaa gamtoomanii gargaarsaa nageenyaa barbaachisaa ta’e kennuudhaaf tattaafachaa akka jiran ibseera. Maayikil Saad dhaabataa mootummootaa gamtoomaniitti qindeesaa gargaarsa namoomaa kan Itiyoopiyaa yemuu dhimichaa irratii ibsa kennan,

jedhaniiru.

Karaa biratiin hojjattoonni fayyaa hospitaalicha dhisanii adeemaa waan jiraniif wareen hojii irra jiraaniif haalii amma jiru rakkisaa ta’uu isaa hogganaan hospitaalaa dutii Dr. Mohaamud Yusuf himu isaanii gaabasin Haliimaa Atumaanii ibseera.