Gaszzexeessaa Tamasgeen Dassaaleny Dhimmaa Sadi’in Himatamee Jira

  • VOA

FAAYILII - Gaazexeessaa Tamasgeen Dassaaleny

Abban alangaa mootummaa feederaalaa Itiyoophiyaa Abba qabeenyaa fi gulaalaa baruulee torbanii Fitih Jedhamuu gaazexeessaa Tamasgeen Dassaaleny Irratii himannaa Sadii dhiheesee jira.

Gaazexeessaa Tamasgeen Dassaaleny irratti dhihaate hicitii raayya ittisa biyyaa diinaaf saaxiluu fi oduu dharaa barreessee tamsaasuudhaan.

Gazexeessaa Tamasgeen gama isaatiin mirga yaadaa ofii bilisaan ibsachuu fi mirga odeeffanoo walabaan dhiheesuu fayyadamuu isaa ibsuudhaan akka yakka hin raawwanne himeeraa.

Akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti Ebila 18, 2014 jalqabee mana hidhaa kan jiruu Tamasgeen Dassaaleny akka mirgii wabii isaa eegamee manna hidhaatii bahee dhimma isaa hordofuu karaa Abukaatoo isaatiin mana murtiif gaafii dhiheesuu isaa Kenedii Abaatee gabaaseera.