Poolisiin Chikaagoo Nama Ajjeechaa Kaleessan Shakkame Qabuu Ibsan

  • VOA

Nama Haleellaa Adoolessa Afru Chikaagoo Keessaa Raawwate kan umuriin waggaa 22 E. Kriimoo

Lammileen yunaayitid isteets guyyaa walabummaa biyyatti Aduulesaa 4 yemuu kabajaa turaan wixata kaleessaa, magalaa chikaagoo keessatti namoottan kabaja sirnichaatif hiriiraa bahan irratti dhukaasaa banuudhaan namoottan 6 ajeesee namoottan 30 ta’an madeessuudaan nama shakkame too’annoo jala akka oolchee Poolisiin ibseeraa.

Magala chikaagootti poolisiin kutaa magaalaa Haaylaand Paark akka jedhetti nammi too’annoo jalla oolee kun dargageesaa wagga 22 Roobert E. siriimoo 3ffaa kan jedhamu dha. Nanmii kun gamoo irratti ol bahuudhaan namoottan kara irraa yaa’aa jiran irratii dhukaasaa akka baneedhaa poolisiin kan ibse.

Kabajjii guyyichaa sababeefachuudhaa Wayit Haawus keessatti namootan Soorama bahani fi keesumootaa biroo keesumeesaa kan turan prezidaant Joo Bayiden dhimma kana irrati haasaa taasisaniin,

Waan har’a ta’ee hundi keenyaa dhageenyee jira. Guyyaa guyyaadhaan wantii nu hubachaa jiru waa’ee demikiraasii keenyaa irratti wantii wabii ta’e akka hin jirreedha. Jireenyaa keenyaa keessatti wantii wabii nuuf ta’u hin jiru. Sagalee kennuudhaan lollee eeguu fi argachuu qabna Jedhaniiruu.

Haaluma wal fakkatuun sirna kabajjii guyaa walabaumaa kana irratti Filaadeelfiyaa keessatti wixataa galgala dhukaasa banuudhaan poolisootaa lama nama madeesse barbaachaa akka jiru poolisiin Filaadeelfiyaa ibsuun isaa gabasameeraa. Balaa Kanaan Poolisin tokko mataa isaa irraa , tokko immoo gateetti miragaa irraa madawani hospitaalatti waldhanamanii akka bahan ibsameeraa.

YUnaayitid Isteets keessatti mana baruumsaatti, mannoottan amantaatti, bakkeewan namoonni waa bitatanutti, ammaa immoo bakka namoonni ayyaanaa kabajiidhaaf hiriiraa bahaniti yemuu dhukaasinni fi duiinsii heddummachaa deemaa jiru kanatti seeraa tumtoonni mootummaa US seeraa bittaa fi gurgurtaa qawwee irratti walfalmaa akka jiran ni beekama.