Hidhattoonni mana hidhaa Naayijeeriyaa haleelan

  • VOA

Faayilii: Naayijeeriyaa

Akka haanga’onii mana dhidhaa mootummaa Naayijeriyaa jedhantii halakan qibxata dheengaddaa hidhattoonni mana hidhaa magaala Abuujaa keessaa jiru weeraranii hidhamtoonni dhibaan lakkawaman akka milqan taasisani jiru.

Gabaasni Timootii Obi’ezu Abuujaa irraa VOA dhaf dhiheesse akka jedhetti manni hidhichaa haanga’ootaa mootummaa duraanii dabalatee bakka miseensonni garee hidhatootaa Bokkaa Haraam jedhamu keessaatii argamanuudha.

Haleellaa mana hidhaa irratti taasifamee kanan dura hidhattoonni konkola’atootaa naga eegdotaa prezidaanti biyyatti Muhaamaduu Buhaarii irratti bakka dhaloota isaanii Katsinaa keessatti dhukaasa banani akka tura kan ibsii gabasiin kuni , tarkaanfii fudhatame Kanaan hidhamtoonii 600 ta’an milqaniiru jedheera.

Hidhamtootaa miliqan hordofaa akka jira kan himan haanga’onii mootummaa hidhamtootaa 300 ta’n qabanii deebisuu isaanii akka ibsan gabaasamera.

Naayijeeriyaa keessatti dhiheenyaa kana haleellan adda addaa akka raawwachaa jiru gabasaamaa jiraa. Haleella dheengadda galgalaa mana hidhaa Magala Abujaa irratti taasifameef amma ammati itti gaafatamumaa qaamnii fudhate hin beekamne.