Galii Maallaqa Kan Al-Shabaab Nan Cufa:prezidaantii Somaaliyaa  

  • VOA

Pireezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammuud

Pireezidantiin haaraan kan Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammuud karaa shororkeessonni al-Shabab galii itti argatan cufuuf dhaadatan.

Kibxata darbe loltoota Somaaliyaa Turkiitti leenji’aa jiraniif Mahmuud haasaa dhageesisaniin gareen Somaaliyaa dilaala saamame shororkeessummaa guutuu Afrikaa fi addunyaatti maallaqaan gargaaraa jechuun himatan.Haasawaan isaanii kunis Televiziyoona Somaaliyaa irratti dhiyaatee ture.

Al-Shabab qarshiin walitti qabu gareewwan shororkeessummaa Moozaambikii fi Naayijeeriyaa keessa jiran gargaaruuf akka oolu garii immo gara shororkeessitoota al-Qaayidaa akka deemuu raga qabna jedhan Mahmuud.

Gareen hidhattootaa garu ibsa baaseen himannaan hundee hin qabnee fi soba jedhee jira.

Hidhattoonni Islaamaa kanneen naannoo Somaaliyaa to’annaa isaanii jala jiran irraa dilaala waggaatti qarshii miliyoonaan lakkaa’amu argatu jedhamee amanama. Garuu xiinxaltoonni nageenyaa garu shororkeessitootaa irraa maallaqa kutuun salphaa hin ta’u jedhu.