Yunaaytid Kingdam Deggersaan Yukreen Cina Jirti: Boris Jaansan 

FAAYILII - Muummichi Ministeeraa Biriteen Booris Jaansan w yeroo Yukireen daawatanitti

Muummichi Ministeeraa Biriteen Booris Jaansan waraana Raashiyaan Yukreen irratti gaggeessite keessatti /biyyoota dhihaa Yukireeniif ciminaan deeggartoota ta’an keessaa tokko turan.

Jaansan weerara Raashiyaa hordofuun hoggantoota gama dhihaa jalqabaa Kiiyeev daawwatan keessaa tokko yoo ta’an, Kunis loltoonni Raashiyaa handaara kanneen magaalatti keessaa erga ba’anii guyyoota muraasa booda pirezidaantii Yukireen Volodymyr Zelenskyy waliin daandii magaalaa kiyeev irra deemaa turan.

Angawoonni lameen walitti dhufeenya cimaa uumuun, yeroo heddu ergaa dinqisiifannaa fi wal deggeruu miidiyaa hawaasaa irratti ummataaf maxxansu turan. Torban darban keessa Zelenskin Jaansan aangoo irra akka turu akka barbaadan ifatti dubbatanii turan.

Jaansan Haasawaa aangoo gadhiisuu gabaabaa Kamisa kaleess dhageesisaniin, waa’ee Yukireen addatti kaasan. ummata Yukireenitti kaniin jechuu fedhu, Yunaaytid Kiingdam keessa jirru qabsoo bilisummaa gaggeessitan hangam iyyu haa fudhatu akka deggerru nana beeka jedhan.

Jaansan aangoo eega gadhiisanii booda battalumatti Zeleenskiif bilbilanii zalanskii dubbisanii jiru. Zalanskiinis aangoo gadhiisuu Jaansan irratti gadduu dubbatan.