Your browser doesn’t support HTML5
Himannaan gaazexeessota ONN lameeni fi namoota 15 kaan isaan waliin himataman irratti dhihaatee ture akka fooyya’u manni murtii ajajus ammallee otuu hin jijjiramiin jijjiiramiin dhihaachuu isaa Abukaatoon himatamtootaa VOA’tti himanii jiran.
Obbo Milkiyaas Bulchaa abukaatoon himatamtootaa ibsa kennaniin Abbaan Alangaa himaticha akka fooyyessu ajajamus, ammallee lakkoobsa keewwataa qofa jijjiiruun himatuma duraanii dhiheesse, jedhanii, kanaaf jecha dhaddachi mana-murtii kaleessa Finfinnee Saarbeet taa’ee ture maammiloota isaanii mana hidhaa jiran akka hiiku gaafachuu beeksisan.