FINFINNEE - Manni Marii Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa, ibsa muummeen ministiraa Itoophiyaa, torban dabre mana maree bakka bu’oota Itoophiyaatti argamuun kennan ilaalchisuun yaada gama isaa kenneen “Mootummaa ajjeechaa lammiilee nagaarratti raaw'atamu dhaabsisuu fi nagaa biyyattii keessatti buusuuf tarkaanfii fudhatu cimsee itti fufuu qaba,” jedhee jira. Paartiin mormituu – Koongiresiin Federaalawa Oromoo ammoo, “mootummaa tarkaanfii fudhachuun furmaata fiduu hin danda’u.
Nageenya waarawaa biyyattii keessatti buusuuf marii biyyoolessaa qaamota hunda hirmaachise biyyattii keessatti taasisuu barbaachisa,” jedha.
Your browser doesn’t support HTML5