Naayjeriyaa Keessatti Kaadhimamtonni Dhiyaatan Musleema Qofa Ta’uun Komee Kaasisee Jira

  • VOA

Faayilii Naayijeeriyaa

Gareeleen Kiristaanotaa Naayijeeriyaa keessaaa paartiin biyya bulchaa jiru filannoo bara dhufu gaggeeffamu irratti taa ayitpirezidaantii fi itti aanaa pirezidaantii ta’uuf kaadhimamaa Musliimaa filachuu isaatiin qeeqaa jiru.

Dorgommiin pirezidaantummaa darbe walmakaa kan ture yoo ta’u, Muslima tokkoo fi Kiristaana tokko waliin,hedduumiina amantii Naayijeeriyaa keessaa kan walakkaa ol Musliimaa a’e calaqqisiisuuf ture.

Waldaan kristaanaa kun aangoo keessatti bakka bu’ummaan sirrii ta’e yoo hin jiraanne dhimmi kun hammachuu akka danda’an yaaddoo qaban ibsan.Dorgommiin kun kan waa’ee dandeetti malee waan amantii miti kanneen jedhan jiru.

Jaarmayaa Kristaanaa Kaan jedhamu kan Naayjeriyaaf dubbii himaa kan ta’an Adebayi Oladeji RSA akka ibsanti nuti ofittoo miti. Paastar ykn qondaalota keenya keessaa tokko filachuu qaba jechuu keenya miti. Wanti nuti jechaa jirru Kiristaana tokko madaalii eegsisuuf itti hirmaachiduu kan kedhu dha.. Tokkummaa, nagaa fi misooma biyya kanaati. Biyyattiin bulchiinsa prezidaant Buhaarii jalatti I mee har’a ilaalaa. gam tokko qofaaf dhabatte.Biyyat. Har'a biyya ilaalaa. Luboonni butamaa jiru. Waldoota kristaanaa irratti haleelamaa jiru jedhan.

Naayjeriyaan kristaanootaa fi musleemoota giddutti biyya qixxee qoodamte dha.Kanaaf jecha aangoo siyaasaaf waajiira qabachuufis kanatu ilaalama ture.

Waggoota dheeraf hogganoonni kristaanaa muudamsa aangoo siyaasaa olaanaaf moggaatti qabamne jechuun komee jechuun iyyataa jiran.