Dhiyeenya kana qubee ‘kh’ kan haasawa loqoda kibba fi baha Oromiyaa keessatti beekamu qubee Afaan Oromootti idileen akka dabalamu yaada ka’e irratti namoonni marsariitii hawaasaa irrattii yaada ofii kennaa turan. Barreessaa fi gaazexeesssaa Mohaammed Siraaj qubeen kun sagalee jechootaa addatti kan bakka bu’u waan ta’eef Inistiitiwutiin Qorannoo Oromoo ilaalee qubee kana toora qubee kaaniitti dabaluu qaba jedha.
Dooktor Amaanu’eel Alemaayyehu, Yunivarsitii Finfinneetti Diiniin Muummee Barnoota Afaanii, gaazexeessummaa fi Saayinsii Namoomaa ammoo qubeen loogaan bakka buufamuun deemsa sirri miti jedhu. Instiitiwutii Qorannoo Oromootti qindeessaan Caas-Lugaa Obbo Beqqelee Bokkuus deebii gama isaanii kennanii jiran.