Gargaartonni Prezidaantii Traamp Turan Koree Kongiresii Duratti Dhiyaachuun Ragaa Ba’uuf Jiru

  • VOA

Waayit Hawisif hojjachaa ha true, Isteeve Baanen (edduu) mana murtii funduratti gaazexeesistootatti yeroo haasahu, Adoolessa 18, 2022, waashungitan Diisii 

Caasaan oruu Yunaatid Isteetis akka jedhanitti gargaartonni pirezidaantii duraanii Doonaald Traamp lama torban kana koree addaa kongireesii haleellaa Amajjii 6, 2021 biilsa mana maree bakka bu’oota uummataa Yunaayitid Isteetis irratti raawwatame qorachaa jiru duratti dhiyaachuu dhaan, haleellaa sanaaf deebii battala Tiraamp kennan ilaalchisee ragaa ba’uuf jiru.

Itti aanaan gorsaa nageenya biyyaalessaa pirezidaanticha duraanii Maatewoos Pootinger fi itti aantuun dhimmootii pireesii yeroo sanaa Saaraa Maatiyoos, walgahii Kamisa dhufu irratti koree mana maree duratti kan dhiyaatan yoo ta’u, walgahiin kun yeroo deeggartoonni Tiraamp filannoo pirezidaantummaa Sadaasa bara 2020 gaggeeffameen injifannoo Joo Baayidan argatan sirnaan mirkanaa’uu isaa dhaabuuf biilsa mana maree weeraranitti taatee White House keessa ture irratti fuuleffata.

Potiinger fi Matiwuus, waa’ee tattaaffii ariifachiisaa, garuu hin milkaa’in hafee kan hojjettoonni Waayit Haawus, akkasumas maatii dhumaTiraampn, sa’aatii jalqabaa haleellaa sanaa irratti ibsa akka kennan fi deggartoonni isaanii bakka sana akka gadhiisan gaafatan ilaalchisee ragaa ba’u jedhamee eegama. Tiraamp dhuma irratti ibsa kanneen hookkara kaasan sun gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an gaafatu utuu hin baasin dura sa’aatii sadii ol darbeera.

Pottinger fi Matthews lamaan isaaniiyyuu guyyaa sana booda aangoo isaanii gadhiisan.