Itti aantuun pirezidaantii Kamala Hariis Mootichi Morokoo Gumii Daldlaa Yunaayitid Isteetis fi Afriikaa Qopoheessuu Isaaniif Galateeffatan

  • VOA

FAAYILII - Itti aantuun pirezidaantii Kamala Hariis

Itti aantuun pirezidaantii Kamala Harris walgahii daldalaa U.S.-Afrikaa Adoolessa 19 Marrakech keessatti baname qopheessuu isaaniif mootiicha Mohammed ja’affaa fi Mana Maree Dhaabbilee Afrikaa (CCA) galateeffataniiru.

Itti aanaantuun pirezidaantii Ameerikaa, hirmaattota walga’ii kanaa irratti fageenya irraa haasawa taasisaniin, “Yaa’ii daldalaa U.S.-Afrikaa bara 2022 keessummeessuu isaaniif Mana Maree Dhaabbilee Afrikaa, Kabajamoo Mootiicha Mohaammad ja’affaa fi Mootummaa Morookoo galateeffachuun barbaada.” ".

Itti aanaan pirezidaantii Kamala Haaris haasaa isaanii keessattis sirna baniinsa walgahii Marrakesh bara kana mata duree: "Waliin ta’uun ijaarsaaf Fuulduratti " jedhuun gaggeeffame irratti hirmaachuun isaanii kabaja guddaa akka qaban dubbataniiru.