Atileet Ijjjigaayyehu Taayyee Hoogganoonni Federeeshinii Dorgommii Ani Itti Hirmaachuu Male Keessaa na Baasan, Jetti  

  • Namoo Daandii

Your browser doesn’t support HTML5

Atileet Ijjjigaayyehu Taayyee Hoogganoonni Federeeshinii Dorgommii Ani Itti Hirmaachuu Male Keessaa na Baasan, Jetti

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa, kutaa Oregaan, Magaalaa Iyuujiin keessatti geggeessamaa jiru irratti Atileetota Itiyoophiyaa bakka bu’uun hirmaataa turan keessaa tokko ka taate – Atileet Ijigaayyehu Taayyee, fiigicha meetira kuma shanii irratti wahiloota ishee hunda caalaa qabxii ol’aanaa otuu qabattee jirtuu, hoogganoonni federeeshinichaa akka malee akkan dorgommimichatti hin hirmaanne na taasisanii jiru jechuudhaan Sagalee Ameerikaatti himtee jirti.

Gurmuu Atileetota Itiyoophiyaa gara Oregaanitti imalee, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaatti hirmaataa jiruuf hoogganaa ka tahan – Obbo Tafarraa Mollaa garuu, murtiin amma Ijjigaayyehu ilaalchisee fudhatame kun otuu gurmuun sun Finfinnee dhaa hin ka’iin ka murteessame irratti waliigalame tahuu dubbatu.