Namoonni Benishaangul Gumuz Keessaa Buqqaasaman Gargaarsa Dhabnee Rakkataa Jirra, Jedhu  

Your browser doesn’t support HTML5

Namoonni Benishaangul Gumuz Keessaa Buqqaasaman Gargaarsa Dhabnee Rakkataa Jirra, Jedhu  

Naannoo Benishaangul Gumuz, Godina Kaamaashii Aanolee akka Baloo jaganfooyiifi Seedaal keessaa buqqaasamanii, naannichuma keessaafi Godina Wallagga Bahaa keessa akka jiran namootni dubbatan tokko tokko gargaarsa dhabuutiin rakkanne jechuun komatan.

Hoogganaan Waajjira Hooggansa Sodaa Balaa Naannoo Benishaangul Gumuz, Obbo Taarraqany Taasisaa immoo “bakkawwan tokko tokkotti sababaa rakkoo karaatiin erga baatii Waxabajjii tii as konkolaatonni gargaarsa fe’an dhaqqabuu hanqatanii turani, amma garuu gargaarsi gahaa jira” jechuun dubbatan.

Naannoo Benishaangul Gumuz keessa namootni kuma 422 ol tahan gargaarsa mootummaatiin akka jiraatanillee itti dabalanii ibsanii jiru