Bakka-buutuun Gamtaa Awurooppaa Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Daawwatan 

  • VOA

Alaabaa gamtaa Awrooppaa

Gaanfa Afrikaatti bakka buutun Gamtaa Awurooppaa Dr. Aneet Weeber Roobii kaleessaa Adoolessa 20/2014 magaalaa Baahirdaarti argamanii prezidaantii naannoo Amaaraa Dr. Yilqaal Kaffalee wajjin marii taasisuu isaanii Asteer misgaanaawu Baahirdaar irra gabbastee jiti.

Mariin isaanii yaalii rakkina kaaba itiyoophiyaa keessa jiruuf furmaata karaa nagaa fidhuudhaf taasifamaa jiruu irratti akka ta’ee kan ibse gabasin kun , bulchaan Naannoo Amaaraa D.r Yiliqaal Keffalee mariidhaa fi wal dhabiinsaa karaa nagaatiin hiikuudhaaf qophaawaa ta’uu isaan akka ibsan beeksiseeraa.

Mootummaan Itiyoophiyaa fi mootummaan naannoo Amaaraa wal waransaa fi walti bu’insa mariidhaa fi araaran xumuranii deebisanii ijaaruudhaaf fedii qabaachuu isaanii akka isaan jajjabeesse kan himan bakka buutun gamtaa Awurooppa dura ta’aa Komishiinii gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mahaammati wajjin wal arganii maryachuun isaaniis beekameeraa.