Prezidaantonni Yunaayitid Isteetis fi Chaayinaa Waliin Haasa’uuf Deemu

  • VOA

BIDEN-XI

Prezidaantiin US joo Baayidan fi prezidaantiin Chaayinaa XI Jiinping waa’ee dinagdee, waa’ee muddama Taayiwaaniin ilaalchisee jiruuf waa’ee wal waraansaa Raashaa fi Yuukreen irratti akka maryachuuf deeman masaraan Waayit Haawus ibseeraa.

Masaraa Waayiti haahusti dubbi himaan koree nageenyaa biyyalessaa Joon Karbii kaleessaa yemmuu oddu gabaastotatti dubbatan hoggantoonni lamman yoom akkaa bilbilaan maryachuuf deeman addan baasanii ittu hin himin guyyoottan dhufan keessatti akka ta’u danda’u qofa eeranii jiru.

Wantii hoggantoonni lamman irratti dubbatan hedduun jiraachuu isaa kan ibsan Joon karbii, dhimmii Taayiwaan ajandaa irraa jiraachuu isaa himuun isaanii gabasameeraa.

Odeeffannoo marii hoggantoota lammanii kan ifa ta’uu danda’e ergaa Afaan Yaa’ii mana maree Mootummaa US Naansii Peelosii dhiheenyaa kanaa Taayiwaniin daawwachuudhaaf karoora isaan qaban ilaalichisee , dubbi himaan Mootummaa Chaayinaa Zha’o Liijiyaan daawwanichii deebii umna of keessaa qabu argachuu danada’a jechuudhaan erga akeekkachisaanii boodaa akka ta’e gabasameeraa.

Dhimmaa kana irratti kan dubbatan dubbi himaa Joon Karbii, US imaammata Chaayinaa Tookkoo iraatti wantii jijjirte akka hin jirree fi muddama jiru waloodhaan hiikuu malee waa’een umnaa hin jiruu jechuun isaanii beekameeraa.